Meeshaalee Pilaastikaa Salphaa Fayyadamuu fi Oomishuun Seeraan Nama Adabsiisa jedhame.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo dhorkaan oomishaalee pilaastikaa tajaajila yeroo tokkoof qofa oolan irratti darbe Guraandhala 23, bara 2018 irraa jalqabee guutummaatti hojiirra akka oolu fi tarkaanfii fudhachuu akka jalqabu beeksiseera.
Qabxiiwwan Ijoo:
๐ Daangaa Yeroo: Yeroon ce'umsaa ji'oota jahaaf kenname Guraandhala 1 ni xumurama. Kana booda pilaastika salphaa oomishuu, biyya keessatti galchuu fi fayyadamuu seeraan nama gaafachiisa.
๐ Dhiyeessii Filannoo: Warra waraqaa fi meeshaalee naannoof mijatoo ta'an biroo oomishaniif, maashinaroota galchaniif dhiifama qaraxaa fi dhiyeessii liqii mijeessuuf hojjetamaa jira.
๐ Hojii To'annoo: Abbaan taayitichaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun, raabsama pilaastikaa seeraan alaa gabaa keessatti mul'atu to'achuuf qophii xumureera.
๐จ Hubachiisa: Daldalaan yookiin oomishaan kamiyyuu hamma Guraandhala 1tti qophii barbaachisu taasiisuun gara oomishaalee filannoo birootti akka ce'u waamichi dhiyaateera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
๐ก MIIDIYAA
https://t.me/ABDII_SABAA ๐ก