(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe manneen hojii biroo sadarkaa Kutaa magaalaa, Kolleejjota, Hospitaalota, Gidduu galeessotaafi dameewwan jiran keessatti bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti dorgomuun kan ramadamu ta’a.
(d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (b fi c) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa sadarkaa bulchiinsa Kutaa magaalaa ramaddii dhaban sadarkaa tokko gadi bu’ee Aanaa magaalaa yookiin Ganda magaalaa jiru irratti gama Waajjira Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamaan ta’a.
6) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Aanaa Baadiyyaa yookiin Magaalota Sadarkaa Aanaa yookiin Aanaa Magaalaa Itti Raawwatamu
(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.
(b) Hojjetaan mootummaa Aanaa manneen hojii isaaniin walitti makamanii yookiin haaraa hundaa’an bakka manni hojii isaa itti argamu irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.
(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe mana hojii biroo Aanaa bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti gama Waajjira Bulchiinsaa/Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamu ta’a.
7) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Gandoota Magaalaa Itti Raawwatamu
(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.
(b) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe seektaroota biroo sadarkaa Ganda Magaalaa bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti gama Waajjira Bulchiinsaatin dorgommiin kan ramadamu ta’a.
#Ramaddii_Qaamolee_Deeggarsa_Dabalataa Barbaadaniif Taasifamu
1) Ramaddiin hojjettootaa yeroo gaggeeffamu dubartootaaf qabxiin afur (4) dursee ida’ameefii qabxii waliigalaa caalmaa argataniin yookiin dhiiraa waliin qabxii walqixa yoo ta’an dursi dubartootaaf kennameefii kan ramadaman ta’a.
2) Ramaddiin hojjettootaa yeroo gaggeeffamu qaama miidhamtootaaf qabxiin shan (5) dursee ida’ameefii qabxii waliigalaa caalmaa argataniin yookiin qaama miidhamaa kan hin taane waliin qabxii walqixa yoo ta’an dursi qaama miidhamtootaaf kennameefii kan ramadaman ta’a.
3) Hojjetaan tokko deeggarsa dabalataa tokkoon oliin fayyadamaa yoo ta’e walcaalchisuu qabxii deeggarsa dabalataa olaanaan yookiin isa guddaa tokko qofaa kan qabamuuf ta’a.
4) Hojjettootni deeggarsi dabalataa taasifamuuf dorgommiidhaan qabxii walqixa ta’ee yoo argatan, sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii isaanitiin walduraa duubaan kan adda bahan ta’ee, kanaan adda baasuun kan hin danda’amne yoo ta’ee madaallii raawwii hojii kan walitti cuunfuun adda baasuun ni danda’ama.
5) Hojjetaa deeggarsi dabalataa taasifamuuf akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 4 jalatti tumameen adda baasuun kan hin danda’amne yoo ta’e sagalee caalmaa koree ramaddiitiin kan adda bahan ta’a.
#Ramaddii_Hojjetaa_Naamusaan Himatamee
1) Hojjetaa balleessaa naumusaatiin shakkamee dhimma isaa qulqullaa’aa jiru, adeemsa himannaa irra jiruu fi itti murtaa’ee hojirra gaggeeffamee oliyyannoo irra kan jiru dorgomee ramadamu ni danda’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, ramaddiin erga gaggeeffameen booda oliyyannoon hojjetichaan dhiyaate kufaa yoo ta’e ramaddiin kenname akkaataa murtii kennameen kan sirreeffamu ta’a.
#Barnootaa fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page:
https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632Telegiram
https://t.me/musalawyer