Musa.H.Ⓜ️.Law Room Telegram channel photo

Musa.H.Ⓜ️.Law Room

@musalawyerPublic Channel

A blog About Ethiopian Law and Free legal education

1.8k

Last views

71.7k (71,736 subscribers)
Membri
—
Rating
30
Total Posts
Oct 20, 2026, 5:10 PM
Aggiornato
Mar 30, 2026
Created
Stats

Stai visualizzando contenuti in italiano. Per visualizzare contenuti in un'altra lingua, cambia la lingua del sito web.

Channel Information

Channel Information
Channel NameMusa.H.Ⓜ️.Law Room
Username@musalawyer
CategoryEbook e Materiale di Studio
Languageitaliano
CountryItalia
Membri71,736
Channel TypePublic Channel
Created30 mar 2026
Last Updated20 ott 2026 • l’altro ieri
StatusActive

Classifica

Classifica globale
#110320+261
Classifica per lingua
#1160+15
Classifica per categoria
#943+9

Crescita abbonati

Totale: 71.7K30 Days growth: +8991.3%
09/2109/2610/0110/0610/1110/1610/20
Crescita abbonati - 30 Days
DateSubscribers
21:09:202670,837
22:09:202670,837
23:09:202670,837
24:09:202670,837
25:09:202670,837
26:09:202670,837
27:09:202670,837
28:09:202670,837
29:09:202670,837
30:09:202670,837
01:10:202670,837
02:10:202670,837
03:10:202670,837
04:10:202670,837
05:10:202670,837
06:10:202670,837
07:10:202670,837
08:10:202670,837
09:10:202670,837
10:10:202670,837
11:10:202670,837
12:10:202670,837
13:10:202671,449
14:10:202671,449
15:10:202671,449
16:10:202671,449
17:10:202671,449
18:10:202671,449
19:10:202671,449
20:10:202671,736
Crescita abbonati - Weekly
DateSubscribers
Week of 30:03:202657,715
Week of 06:04:202658,259
Week of 13:04:202660,773
Week of 20:04:202662,050
Week of 27:04:202662,050
Week of 04:05:202662,050
Week of 11:05:202663,404
Week of 18:05:202663,404
Week of 25:05:202663,404
Week of 01:06:202665,183
Week of 08:06:202665,183
Week of 15:06:202665,764
Week of 22:06:202665,994
Week of 29:06:202665,994
Week of 06:07:202665,994
Week of 13:07:202667,776
Week of 20:07:202669,021
Week of 27:07:202669,517
Week of 03:08:202669,517
Week of 10:08:202669,517
Week of 17:08:202670,848
Week of 24:08:202670,698
Week of 31:08:202670,795
Week of 07:09:202670,795
Week of 14:09:202670,837
Week of 21:09:202670,837
Week of 28:09:202670,837
Week of 05:10:202670,837
Week of 12:10:202671,449
Week of 19:10:202671,736
Crescita abbonati - Monthly
DateSubscribers
March 202654,937
April 202662,050
May 202663,404
June 202665,994
July 202669,021
August 202670,698
September 202670,837
October 202671,736
Crescita abbonati - Yearly
DateSubscribers
202671,736

Ultimi post

Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

22 ott 2026, 19:34

Photo1/2
#Beeksisa_Qaacarrii
Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gitoota hojii adda addaa irratti baayyina namootaa dhibba lama ol (200+) qaacaruuf beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
5,330009
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

21 ott 2026, 22:46

Photo1/2
#Beeksisa_Qaacarrii
Baankiin Siinqee gitoota hojii adda addaa shantamii Shan (55) irratti baayyinaan hojjatoota qaacaruuf beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo isaa guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun argachuu dandeessu 👇👇
https://ethiojobshub.com/siinqee-bank-job-vacancy/
10,1000074
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

21 ott 2026, 22:15

Photo1/2
#Beeksisa_Qaacarrii
Baankiin Gadaa gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo isaa guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun argachuu dandeessu 👇👇
https://ethiojobshub.com/gadaa-bank-s-c-job-2/
10,1000011
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

20 ott 2026, 01:01

HAFIINSA GAAFA DHAGAHA RAGAA BY DESALEGN B..pdf3.7 MB
Guyyaa #Ragaa Dhagahuuf Beellamni Kenname Irratti Himataan Yoo Hin Dhiyaanne Ta'e Manni Murtii Bu'uura keewwata kamitiin tarkaanfii fudhata ? Seerichi maal jedha ? hojimaanni hoo maal fakkaata ? kan jedhuf Xiinxala Abbaa Seeraa Mana Murtii Waligala Oromiyaa fi Leenjisa keenya kan turan kabajamoo Desalegn Berhanu tin taasifame
11,6000027
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

18 ott 2026, 18:24

Photo1/2
🙏🙏#Galata_Guddaa Miseensoota Koo Kabajamoo Fi Hordoftoota Koo Jaalatamoo Fuula Facebook Keenya 96K.

Hordoftoonni Fuula Telegiramii keenyaas jaalalaa fi galata guddaa isiniif qabnu ibsaa fuula facebook keenyaas liinkii armaan gadii kanaan seenuun follow naaf tolcha
Wal jajjabeessaa walirraas haa baranuu qomoo tiyya.
https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
15,2000028
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

17 ott 2026, 17:19

#Adeemsa_Hojjataan_Mootummaa Komii Itti Dhiyeeffatu Fi Itti Keessummeeffamu
Qajeelfama Ramaddii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 34/2019 keewwata 25

1. Hojjetaan kamiyyuu raawwii ramaddii irratti komii yoo qabaate, komii isaa Koree Komii Keessummeessaa dhaabbateetti dhiyeeffatee murtee argachuudhaaf mirga ni qabaata.

2. Hojjettoonni manneen hojii sadarkaa kamiyyuu irra jiran keessatti ramaddii kennametti komii qabu iyyata isaa guyyaa ramaddichi beeksifame irraa eegalee guyyaa hojii sadii keessatti Koree Keessummeessaa Komitiif barreeffamaan dhiyeeffachuu ni danda’a.

3. Koreen komii guyyaa komiin barreeffamaan dhiyaateef irraa eegalee guyyoota hojii sadii keessatti qulqulleessee yaada murtii hoogganaa yookiin ittigaafatamaaf dhiyeessuu qaba.

4. Hoogganan yookiin ittigaafatamaan yaada murtii koree irraa dhiyaateef ilaalalee guyyooota hojii sadii keessatti murtii kennuu qaba.

5. Koreen murtii hoogganaa yookiin ittigaafatamaa mana hojicha irraa kenname guyyaa hojii lama keessatti qaama komii dhiyeesseef barreeffamaan kennuu qaba.
#Barnootaa fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632

Telegiram https://t.me/musalawyer
4,7400036
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

16 ott 2026, 19:40

#Qajeeltoowwan Haal-duree fi Adeemsa Ramaddii Hojjettootaa Mootummaa

Qajeelfama Ramaddii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 34/2019 keewwata 30-32

30 #Qajeeltoowwan Bu’uuraa Ramaddii Hojjettootaa hordofee raawwatamuu qabu

1. Ramaddiin hojjettoota mootummaa kan gaggeeffamu gitoo hojii madalamanii sadarkaan isaanii bahee qaama aangoo qabuun mirkanaa’ee irratti qofaa ta’a.

2. Ramaddiin gaggeeffamuu ulaagaalee dandeettii barbachiisoo isa xiqaa kallattiin guutuu isaa mirkaneeffachuun gaggeeffamuu qaba.

3. Ramaddiin gaggeeffamu haala loogii irraa bilisa ta’ee, iftoominaa qabuu fi itti gaafatamummaa mirkaneess een raawwatamuu qaba.

4. Hojjettoota mootummaa mana hojii isaanii keessatti ramaddii dhaban facaatanii humna namaa manneen hojii fi caasaa bulchiinsaa gidduu jiru ilaalcha keessa galchuun gita hojii ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’anitti akka ramadan ni taasifama.

31. Haal-dureewwan Ramaddii

1. Ramaddiin osoo hin gaggeeffamin dura haala waliigala gurmaa’insaa, caaseeffamaa fi qajeelfama ramaddii irratti haggantootaa fi hojjettootaaf hubannoo uumuu;

2. Koreewwan hojii kanaaf barbaachisan akkaataa qajeelfama kanaatiin hundeessuu fi hubannoo uumuu;

3. Ragaalee fi piroofaayilii hojjettootaa gama manneen hojii tiin qindaa’ee sirrummaan isaa hojjetaaan akka mallattaa’uu taasisuun koree ramaddiif dhiyeessuu;

4. Gitoota hojii manneen hojii caasaan hayyamamee fi dandeettiiwwan barbaachisaa waliin bakka hojjetaan arguu danda’utti maxxansuun hojjettoonni akka dorgoman beeksisa dorgommii bakka ifa ta’etti maxxansuu yookiin ibsa gahaa kennuu;
5) Hojjettoonni dorgommiif akka galmaa’an taasisuu;

6) Bu’aa madaallii raawwii hojii hojjettootaa bara 2018 kan marsaa lamaa qindaa’ee manajimantii manneen hojii duraatiin mirkanaa’e koree ramaddiitiif dhiyeessuu;

32. #Adeemsa_Ramaddii

1) Ramaddiin hojjettoota yeroo gaggeeffamu gitoota hojii olaanaa jiru irraa jalqabee wal duraa duubaan ta’uu qaba.

2) Ramaddiin hojjettootaa kan gaggeeffamu gurmaa’insaa fi caasaa haaraa irratti dorgomee kan ramadamu ta’a.

3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan mootummaa mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe sadarkaa bulchiinsaa isaatti manneen hojii biroo keessatti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan mootummaa tokko sadarkaa caasaa bulchiinsaa irra hojiichaa jiru irratti dorgomee ramaddii kan hin arganne yoo ta’e, sadarkaa caasaa bulchiinsaa tokko gadi bu’ee dorgomee akka ramadamu ni taasifama.

5) #Haala_Ramaddii_Hojjettoota Manneen hojii walitti makamanii Moggaasaa Maqaa Haaraa Argatani

a) Manneen hojii walitti makamanii moggaasa maqaa haaraa argatan keessatti ramaddiin hojjettootaa yeroo gaggeeffamu hojjettootni Daayirektoreetii yookiin Garee yookiin ogeessa hojii ijoo irratti ramadamanii hojiichaa turan gita hojii ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutan irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

b) Manneen hojii dameen adda bahan yookiin aangoo fi hojiin mana hojichaa mana hojii birootti makamee ramaddii Daayirektora yookiin Garee yookiin ogeessa hojii ijoo mana hojii haaratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

c) Ramaddiin hojjettootaa gitoota hojii deeggarsaa yeroo gaggeeffamu hojjettootni Daayirektoreetii yookiin Garee yookiin ogeessa hojii deeggarsaa irratti ramadamanii hojiichaa turan gita hojii ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutan irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

6) Manneen hojii Aangoo fi hojiin jijjiirame

Qorannoo gurmaa’insa manneen hojiiitiin, manneen hojii aangoo fi hojiin isaanii gara manneen hojii birootti akka dabalamuu taasifame mana hojichaa keessatti waamamni oogummaa walfakkaatu yoo jiraate ogeeyyiin jiran wal dorgommiidhaan kan ramadaman yommuu ta’u, ogummaan walfakkaatu kan hin jirre yoo ta’e, gita hojichaa irratti ulaagaalee dandeettii barbaachisoo waliin dorgomuun kan ramadaman ta’a.
7,7800028
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

16 ott 2026, 18:19

Photo
#Beeksisa_Qaacarrii
Baankiin Oromiyaa gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii haarawa baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo isaa guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun argachuu dandeessu
https://ethiojobshub.com/oromia-bank-vacancy/
7,5300017
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

15 ott 2026, 21:58

(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe manneen hojii biroo sadarkaa Kutaa magaalaa, Kolleejjota, Hospitaalota, Gidduu galeessotaafi dameewwan jiran keessatti bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (b fi c) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa sadarkaa bulchiinsa Kutaa magaalaa ramaddii dhaban sadarkaa tokko gadi bu’ee Aanaa magaalaa yookiin Ganda magaalaa jiru irratti gama Waajjira Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamaan ta’a.

6) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Aanaa Baadiyyaa yookiin Magaalota Sadarkaa Aanaa yookiin Aanaa Magaalaa Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mootummaa Aanaa manneen hojii isaaniin walitti makamanii yookiin haaraa hundaa’an bakka manni hojii isaa itti argamu irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe mana hojii biroo Aanaa bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti gama Waajjira Bulchiinsaa/Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamu ta’a.

7) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Gandoota Magaalaa Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe seektaroota biroo sadarkaa Ganda Magaalaa bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti gama Waajjira Bulchiinsaatin dorgommiin kan ramadamu ta’a.
#Ramaddii_Qaamolee_Deeggarsa_Dabalataa Barbaadaniif Taasifamu

1) Ramaddiin hojjettootaa yeroo gaggeeffamu dubartootaaf qabxiin afur (4) dursee ida’ameefii qabxii waliigalaa caalmaa argataniin yookiin dhiiraa waliin qabxii walqixa yoo ta’an dursi dubartootaaf kennameefii kan ramadaman ta’a.

2) Ramaddiin hojjettootaa yeroo gaggeeffamu qaama miidhamtootaaf qabxiin shan (5) dursee ida’ameefii qabxii waliigalaa caalmaa argataniin yookiin qaama miidhamaa kan hin taane waliin qabxii walqixa yoo ta’an dursi qaama miidhamtootaaf kennameefii kan ramadaman ta’a.

3) Hojjetaan tokko deeggarsa dabalataa tokkoon oliin fayyadamaa yoo ta’e walcaalchisuu qabxii deeggarsa dabalataa olaanaan yookiin isa guddaa tokko qofaa kan qabamuuf ta’a.

4) Hojjettootni deeggarsi dabalataa taasifamuuf dorgommiidhaan qabxii walqixa ta’ee yoo argatan, sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii isaanitiin walduraa duubaan kan adda bahan ta’ee, kanaan adda baasuun kan hin danda’amne yoo ta’ee madaallii raawwii hojii kan walitti cuunfuun adda baasuun ni danda’ama.

5) Hojjetaa deeggarsi dabalataa taasifamuuf akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 4 jalatti tumameen adda baasuun kan hin danda’amne yoo ta’e sagalee caalmaa koree ramaddiitiin kan adda bahan ta’a.

#Ramaddii_Hojjetaa_Naamusaan Himatamee

1) Hojjetaa balleessaa naumusaatiin shakkamee dhimma isaa qulqullaa’aa jiru, adeemsa himannaa irra jiruu fi itti murtaa’ee hojirra gaggeeffamee oliyyannoo irra kan jiru dorgomee ramadamu ni danda’a.

2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, ramaddiin erga gaggeeffameen booda oliyyannoon hojjetichaan dhiyaate kufaa yoo ta’e ramaddiin kenname akkaataa murtii kennameen kan sirreeffamu ta’a.
#Barnootaa fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632

Telegiram https://t.me/musalawyer
8,7900023
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

15 ott 2026, 21:58

#Haala_Ramaddiin_Manneen_Hojii Mootummaa Sadarkaa Naannoo, Godinaalee, Magaalotaa, Aanaalee fi Gandoota Magaalaa Itti Raawwatamu
Qajeelfama Ramaddii Hojjattoota Mootummaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 33

1) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Naannoo Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe manneen hojii sadarkaa naannoo bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti Komishiniichaan dorgomuun ramadamu ni danda’a.

(c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 (b) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa manneen hojii sadarkaa naannootti ramaddii hin argatin hafee caasaa bulchiinsaa tokko gadi bu’ee Komishiniichaan kan ramadamu ta’a.

2) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Godinaalee Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe seektaroota biroo sadarkaa Godinaa bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(c) Hojjetaan mootummaa godina haaraa manneen hojii isaaniitti walitti makamanii fi walitti dhufan bakka manni hojii isaa itti argamu irratti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (c) jalatti kan tumamee jiraatus, manneen hojii Godina haaraa keessatti ramaddii hin arganne manneen hojii sadarkaa Godinichaa, Kolleejjota, Hospitaalota, Gidduu galeessotaafi dameewwan jiran keessatti gita hojii banaa jiru bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’u irratti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(e) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (a fi b) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa caasaa bulchiinsaa jiruu irratti sadarkaa tokko gadi bu’ee Aanaa yookiin magaalaa jirutti gama Waajjira Bulchiinsaan kan ramadamu ta’a.
3) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaa Itti Waamanii Isaanii Naannoof Ta’e Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mootummaa sadarkaa Bulchiinsa magaalaatti manneen hojii isaanitti haaraa irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe manneen hojii biroo sadarkaa Magaalaa, Kolleejjota, Hospitaalota, Gidduu galeessotaafi dameewwan jiran keessatti bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (b fi c) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa caasaa bulchiinsaa jiruu irratti sadarkaa tokko gadi bu’ee kutaa magaalaa yookiin Aanaa magaalaa yookiin Ganda magaalaa jiru irratti gama Waajjira Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamaan ta’a.

4) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Magaalotaa Olaanaa Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii olaanaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mootummaa sadarkaa Bulchiinsa magaalota Olaanaatti manneen hojii isaanitti haaraa irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.

(c) Hojjetaan mana hojii isaa keessatti ramaddii dhabe manneen hojii biroo sadarkaa Magaalaa Olaanaa, Kolleejjota, Hospitaalota, Gidduu galeessotaafi dameewwan jiran keessatti bakka ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutuu danda’utti dorgomuun kan ramadamu ta’a.

(d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (b fi c) jalatti kan tumamee jiraatus, hojjetaan mootummaa sadarkaa bulchiinsa magaalaa Olaanaatti ramaddii dhaban sadarkaa tokko gadi bu’ee Ganda magaalaa jiru irratti gama Waajjira Kantiibaatin dorgommiin kan ramadamaan ta’a.

5) Haala Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Kutaa Magaalaa Itti Raawwatamu

(a) Ramaddiin hojjettoota mootummaa gitoo hojii Kutaa magaalaa irraa jalqabee gara sadarkaa gadi aanaatti kan raawwatamu ta’a.

(b) Hojjetaan mootummaa sadarkaa Bulchiinsa Kutaa magaalaa manneen hojii isaanitti haaraa irratti dorgomuun kan ramadaman ta’a.
8,2400017
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

14 ott 2026, 22:08

#Murtii_Haarawa Manni Maree Federeeshinii Dhimma Hojjatoota Mootummaa Ilaalchisuun Yaa'ii Idilee 6ffaa Galmee Lakkoofsa 1147/2017 Ta'e Irratti Heera Mootummaa Keewwata 37 Mirga Haqa Argachuu Waliin Wal Qabsiisuun Murteesse.

Labsii Hojjatoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii lakkoofsa 215/2011 keewwata 81 jalatti dhimmoota akka seeraan ala hojii irraa dhorkamuu yookiin tajaajilli addaan cituu,murtii adabbii naamusaa cimaa,mindaan yookiin kanfaltiiwwan biroo seeraa ala kan jalaa qabame yookiin cite, miidhaa yookiin dhibee sababa hojiitiin irra gaheen haala walqabateen mirgi hir’achuu, akkaataa Labsii kana keewwata 77 (7) ibsameen ala Koree Komii Qulqulleessaatiin dhimmoota ilaalamanii murtiin itti kenname, dhimmoota gaaffii hojii gadi lakkisuu fi ragaa muuxannoo hojii irratti ka’u irratti hojjataan mootummaa komii qabu kamiyyuu komii isaa Mana Murtii Idileetti osoo hin taane jalqaba kallattiin Mana Murtii Bulchiinsaatiin dhiyeefatee komiin isaa Mana murtii bulchiinsaatiin kan ilaalamii fi ol'iyyannoo qofa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaati kan dhiyeefatu tahu isaa tumamee jira.

Labsicha jalati haala kanaan tumamee kan jiru tahus dhiyeenya kana Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa Yaa'ii Idilee isaa 6ffaa taa'een lakkoofea galmee 1147/2017 irratti heera mootummaa keewwata 37 wal qabsiisuun Hojjataan Mootummaa kamuu komii qabu dhimma muudama fedhii malee,jijjiirraa fedhii malee, kanfaltii mindaa isaa adeemsa Seeraa osoo hin eeggatiin irraa citu ilaalchisee seerota jiran hambisuun komii qabu kamuu Mana Murtii Bulchiinsaa dhiisee kallattiin Mana Murtii Idileetti himachuu akka danda'u murteessee jira.
#Barnootaa fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632

Telegiram https://t.me/musalawyer
10,9000061
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

14 ott 2026, 21:30

Photo
#Beeksisa_Qaacarrii
Baankiin Oromiyaa gitoota hojii adda addaa irratti fresh graduate dhaaf beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo isaa guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun argachuu dandeessu
https://harmeejobs.com/company/oromia-bank/
10,400004
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

14 ott 2026, 20:18

Photo
#Beeksisa_Qaacarrii
Dhaabbanni NGO Save the children International gitoota hojii adda addaa beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun argachuu dandeessu 👇👇
https://harmeejobs.com/company/save-the-children/
10,9000014
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

13 ott 2026, 20:13

Video
#Qajeelfama_Ramaddii_Hojjattoota_Mootummaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 34/2019
14,70000103
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

11 ott 2026, 18:05

Maqaa ofiitiin Qarshii nama biraatin mana bitame ilaalchisee seerri Maal jedha ?

✍🏻namni tokko mana naa ijaari ykn naaf biti jechuun nama biraatiif qarshii erga ergee booda manichi maqaa nama ergameef saniin yoo bitame ykn waliigalteen yoo seenamee fi kaartaaniis maqaa isaatiin yoo jiraate namichi qarshii erge sun manicha naaf gadhiisi jechuun gaafachuu danda’aa? furmaanni isaa maalii?

👉🏻Qabeenya hin sochoone ilaalchisee falmiin yeroo ka’u gosa ragaa dhiyaachuu qabu ilaalchisee sirnaan madaaluun barbaachisaadha. Namnii maqaa isaatiin kaartaan jiraachuu fi maqaa isaatiin waliigalteen raawwatamuun isaa bu’uura SHH kwt 1195 tin tilmaama abbaa qabiyyummaa kan fudhachisuudha. Ragaaleen kanneen qarshii himatamaan ergeen bitame jechuudhaan qofa ragaa namaatiin fashaaleessuun hin danda’amu.

👉Akka qajeeltootti waliigalteen mirgaa fi dirqama kan uumu namoota waliigaltee raawwatan jidduutti qofadha. Namni tokko waliigaltee sana keessatti fayyadamaan waliigaltee nama dhuunfaa eenyu akka ta’e haala ifa ta’een hanga hin ibsineetti waliigalteen sun namoota waliigaltee seenaniin ala faayida qaama 3ffaatiif(nama qarshiicha ergeen) raawwatame jechuun hiikoo kennuun akka hin danda’amne SHH kwt 1733 irraa ni hubatama.

👉🏻Kanaafuu, mana falmii kaasee ilaalchisee namni waliigaltee raawwate sun faayidaa nama qarshii ergeef sanaaf ta’u isaa waliigalticha keessatti haala ifa ta’een kan hin ibsinee yoo ta’e waliigalteen kun faayida nama biraa kan qarshicha ergeef taasifame jechuun ragaa namaatiin mirkaneessuun hin danda’amu. Dabalataan waliigalteen taasifame maqaa nama qarshicha ergameefin ta’e akkasumas kaartaan manichaa maqaa namicha bitateen yoo ta’e namnii qarshiicha erge maniicha naaf haa gadhiisu jechuun gaafachuu hin danda’u.

👉Namni qarshiicha erge sun qarshii ergee sana seera biraatiin gaafachuu wanti isa dhoorku hin jiru. waliigalteedhaan ykn badhaadhina seeraan alaan.

👉🏻Keessattuu Namoonni biyya alaatii qarshii erguun maqaa nama biraatiin mana biyyatti bitatu of eeggannaa gochuun barbaachisaadha.
17,1000084
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

10 ott 2026, 23:55

#Dubbiin_baargamoo dubbatamne nama heddu laphee tuqxeetti.

Baargamoon amala ishee keessaa of jaallattuu dha.

Guddinaa fi lalisa ollaa hin jaallattu.Ofii isheetii guddinaan waaqa jala jirti.Biqiltuu ishee jala jiru jalaan hundeen fi gubbaa immoo itti coccobuun guddina dhoorgiti.Ofiif garuu baargamoon bonaa fi ganna illee magariisuma.

Namootni ollaa baargamoo jiraatan nagaya hin qaban gadi malee oli jechuun makaraa dha.Nuti namootni Baadiyyaatti guddanne waa'ee baargamoo waan beeknuuf dubbiin battalatti nuuf gala.Dubbiin Doctor dubbatanis qabatamaan tureera.Silaa namuu carraa ofiitiin addunyaa kana irra jiraata waan ta'eef baargamoo ta'uu hin malle.

Yeroo hunda ofiif muul'achuuf yaaluun,yerumaafi malee yeroon isaa gabaabdu dha.Fayyaalummaa first jennee ka'uu qabna turre.Yaada sammuu fayyaalessaa qabaannan sammuu boqonnaa qabuun jiraachuun akkuma jiruun ta'ee wanta heddu raawwachuun ni danda'ama.

Inumaa gaafa namaaf ilaalcha gaarii fi akkuma ofiitti nama biroos jaalannu bu'a qabeessuummaan hojii keenyaa fi ,walitti dhufeenyi fayyeelessis ni dabala ture.

Waaqni dhala namaa Baargamoo godhee hin uumin! Kan jettu yaada ida'ama barreeffama kiyyaati.
Kabajamoo Obbo #Mokonnin_Raggaasaa
Direektoreetii KTS Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

#kabajamoo keenya umrii nuuf dheeradhaa hamtun isin hin argin sin jechuun ala jecha nati xiqqaata
Yaada bilchaataa fi ergaa barbaachiftuu irraa baratamuudha

Rabbiin hunda keenya warra ilaalcha gaarii waliif qabaatee haala hunda keessatti toltuma yaaduu fi gaarii hojjatu nu haa godhu
17,9000063
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

10 ott 2026, 21:07

Photo
#Dubbii_Jabduu
“Baargamoo hin ta'in; nama of jalatti hin nyaatin!”

“Gooftaa ta'uuf wallaallummaan qofti gahaadha”

Prrezidaantii MMWO Dr. Utukaanaa Odaa.
Kan beekuuf barumsa guddaadha
15,4000078
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

09 ott 2026, 19:40

Assab, Ethiopia, and the Geopolitics of Maritime Access: A Detailed Legal and Strategic Analysis

The discourse surrounding Ethiopia’s access to the sea—and specifically the historical, legal, and economic dimensions of Assab—remains one of the most critical public policy and legal discussions in the Horn of Africa.

Moving beyond general debate requires examining the multi-layered realities shaping this issue.

1. Historical Evolution and Legal Entitlement
Pre-Colonial and Colonial Roots: Discussions surrounding Assab frequently trace back to late 19th-century transactions and subsequent treaties, raising complex questions under international law regarding colonial-era boundaries and territorial jurisdiction.

Federation and Long-Term Administration: During the federation of Eritrea with Ethiopia and subsequent decades, Assab functioned as a central national gateway. Substantial infrastructural investments—including refineries and highway systems—anchored a major portion of Ethiopia's international commerce.

The Post-1991 Transition: The political realignments of the early 1990s rendered Ethiopia landlocked. Legal analysts continue to examine the constitutional validity, international legal instruments, and procedural frameworks that governed these territorial changes.

2. International Law and Landlocked Status
The UNCLOS Framework: Under the United Nations Convention on the Law of the Sea (UNCLOS), landlocked states possess foundational rights of access to and from the sea. However, navigating the gap between basic transit rights and comprehensive, cost-effective maritime independence remains a complex legal hurdle.

Jurisprudence on Access: International legal principles emphasize that equitable transit and secure trade corridors are matters of vital economic survival, particularly for states with significant populations.

3. Economic Imperatives and Single-Port Dependency
Overcoming Logistical Bottlenecks: Heavy reliance on a single primary corridor creates systemic economic vulnerabilities, including port congestion, high transit tariffs, and exposure to regional disruptions.

Fueling National Growth: For a fast-growing economy with a population exceeding 120 million, diversified, reliable, and affordable access to maritime shipping lanes is essential for lowering import-export costs and accelerating industrialization.

4. A Path Toward Regional Integration
The Win-Win

Diplomacy Approach: Modern statecraft in the Horn of Africa increasingly emphasizes cooperative economic integration, shared equity in infrastructure, and mutual benefit over zero-sum geopolitical friction.

Institutional Synergy: Leveraging platforms like the African Continental Free Trade Area (AfCFTA) and regional bodies provides the necessary legal mechanisms to harmonize customs, transit protocols, and cross-border trade.

Where these diplomatic efforts cannot bring about the needed results, it is natural to resort to other options currently undergoing.
16,4000055
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

08 ott 2026, 23:21

Photo
#Manni_Murtii banamee hojii kenninsa tajaajila Abbaa Seerummaa bara 2019 ifatti eegallee jira.

Bara hojii kenninsa tajaajila Abbaa Seerummaa dhaqqabamaa, qulqullina qabuu fi haqa qabeessa tahe kenninee ol'antummaa seeraa fi haqa ummata keenyaa itti mirkaneessinu rabbi nuuf haa godhu.
17,0000060
Musa.H.Ⓜ️.Law Room logo
Musa.H.Ⓜ️.Law Room

08 ott 2026, 01:46

Daataa Dhuunfaa (Personal Data) Dhokfame Ifa Taasisuun (Saaxiluun) fi Gurguruun Ni Danda'amaa?

====✓✓✓=====✓✓✓✓======✓✓✓✓

🔽Labsiin Eegumsa Daataa Dhuunfaa (Personal Data Protection) Murteessuuf Bahe, Lakk.1321/2016 kwt 2(2) jalatti,  "Daataa Dhuunfaa" (Personal Data) jechuun odeeffannoo kamiyyuu kan nama uumamaa adda bahee beekamu ykn beekamuu danda'u waliin walqabatu, kan kallattiin ykn alkallattiin addatti adda baastuuwwan kanneen akka maqaa, lakkoofsa eenyummaa addaa, lakkoofsa bilbilaa, lakkoofsa addaa fayyadama interneetiif kenname, daataa iddoo, adda baastuu fayyadamaa online, ykn haalota tokkoo ol ta'aniifi addatti haala qaamaa, fiiziyooloojii, DNA, amala sammuu, haala dinagdee, aadaa ykn hawaasummaa nama uumamaa san waliin walqabatanidha jechuun tumeera.

Labsichi kwt 64(3) jalatti immoo namni kamiyyuu:

👉Daataa dhuunfaa namni abbaa daatichaa ta'e akka hin beekamne taasifame akka beekamu yoo taasise;
👉Daataa dhuunfaa kan gurgure ykn gurgurtaadhaaf yoo dhiyeesse ykn
👉Daataa dhuunfaa haala labsichaan tumameen alatti biyya alaatti yoo dabarse, hidhaa cimaa waggaa shanii hanga kudhanii gahuufi adabbii maallaqaa qarshii Kuma Dhibba Lamaa hanga Kuma Dhibba Ja'aatiin adabama jechuun gocha yakkaa ta'uu isaa ibsuun tumeera.

👌Fakkeenyaaf, Hospitaalli tokko maqaa dhukkubsattootaa dhoksuudhaan odeeffannoowwan kanneen akka umrii, teessoo, saalaa...qofa qorattootaaf yoo kenneefi dhaabbabbi ykn namni biroo tokko immoo odeeffannoo dhuunfaa san fudhachuun odeeffannoo (daataa) namoonni galmee filannootiif kennan (galmeessisan) waliin wal bira qabee sakatta'uun, maqaan dhukkubsattoota dhokfamee ture sun akka saaxilamu yoo taasise, dhaabbatichi ykn namni maqaa dhukkubsattootaa ifa taasise kun yakkaan itti gaafatama jechuudha.

Hubachiisa:

✅Daataa Dhuunfaa jechuun Odeeffannoo kamiyyuu kan nama adda bahee beekamu tokko waliin walqabsiifamuu danda'u ta'ee, odeeffannoon kun yaadota, suuraa, lakkoofsa addaa meeshaa interneetii waliin walqaateef kennamu (IP address), lakkoofsa passport, lakk.sooromaa....kkf, kan nama adda bahee beekamu ykn beekamuu danda'u waliin walqabatu ta'uu danda'a.

✅Labsichi kwt 2(5) jalatti daataan dhuunfaa waa'ee fayyummaa qaama namaatiin walqabatan daataa dhuunfaa of eeggannoo barbaadu (Sensitive Data) akka ta'etti tumeera.

✅Labsichi mirga jireenya dhuunfaa (the Right to Privacy) heera Mootummaa RFDI kwt 26 jalatti ibsameef eegumsa kan taasisu akka ta'ettis ni hubatama.

✅Yeroo ammaa kanatti daataa dhuunfaa keenya dhaabbilee kanneen akka baankii, teeleefi Kkf tti, akkasumas haasawaa miidiyaa hawaasaatiin taasisnuun bal'inaan kennaa kan jirru yemmuu ta'u, daataawwan kun of eeggannoodhaan kennamuufi iccitiidhaan eegamuu baannaan rakkoo gurguddaa akka uumuu danda'antu hubatama.

❓❓Isin akkamitti hubattan? Isin Hin Yaaddessuu?

     Join:-@desberofMM

        Desalegn B.
17,5000031

Showing 30 of 30 posts

Valutazione

Accesso richiesto

Frequently Asked Questions

Di cosa parla il canale Telegram Musa.H.Ⓜ️.Law Room?+

Musa.H.Ⓜ️.Law Room (@musalawyer) è un canale Telegram elencato in Ebook e Materiale di Studio su tgdio. Questo profilo mostra classifica, valutazioni, recensioni e post recenti così puoi decidere prima di iscriverti su Telegram. Al momento elenca circa 71.736 iscritti su tgdio.

Come mi unisco a Musa.H.Ⓜ️.Law Room (@musalawyer) su Telegram?+

Apri il profilo del canale su tgdio, poi usa Join / Open in Telegram per andare su @musalawyer nell’app o sul web di Telegram e iscriverti gratis.

Musa.H.Ⓜ️.Law Room è un buon canale Ebook e Materiale di Studio?+

Su tgdio puoi controllare valutazione, recensioni, classifica e ultimi post di Musa.H.Ⓜ️.Law Room prima di unirti. Al momento elenca circa 71.736 iscritti su tgdio. Confrontalo con canali Ebook e Materiale di Studio simili.

Dove vedo le statistiche e i post di Musa.H.Ⓜ️.Law Room?+

Su tgdio, apri la pagina @musalawyer per statistiche iscritti, classifica, valutazioni e post recenti. Usa il link Stats per grafici di crescita e attività.