#Carraan_jiraachuu_kee_paarsantii_100_hir 'ateera!
~
Piroofeesera beekamaa tokkotu ture. Gaaf tokko qorannoo
saayinsawaa geggeessuuf bidiruu yaabbatee bishaan irra imala
eegale. Xiqqoo deemanii booda cirracha bishaan qarqaraa
fuudhee baatee jiru itti agarsiisee,"Waa'ee ji'ooloojii (saayinsii
waa'ee albuudaa) qoratu waan beektu qabdaa?" Jedhee
gurbaa bidiruu oofu gaafate. Gurbaanis,"Lakkisaa ! Homaa hin
beeku;ani mana barnootaa hin deemne" jedhee deebiseef. "Siif
dhumeera!" Jedhee deebiseef. Piroofeeserichi, "Carraan
jiraachuu keetii dhibbantaa 25 hir'ateera."
~
Gurbaan bidiruu oofu gaddee hojii isaa ittuma fufe. Xiqqoo
deemanii booda baala mukaa bishaa oliif gadi bololi'aa turte
tokko fuudhee itti agarsiisaa, "Waa'ee Bootanii (Saayinsii
waa'ee biqilootaa qo'atu) waan beektu qabdaa?" Jedhee
gurbicha gaafate.......Piroofeeserichi. Gaddaan mataa buusee
ammas akkana jedhee deebiseef, "Lakkisaa! Homaa hin
beeku." Of tuulummaa guddaan itti dhaga'amaa, "Siif
dhumateera! Bootanii hin beektu taanaan carraan jiraachuu
kee dhibbantaa 25 hir'atera!" Jedheen.
~
Amma illee imalli itti fufe.Xiqqoo deemanii gamatti gaara
guddaa tokko argan. Piroofeeseriin gaara gamaa mul'atu sana
qubaan akeekee gurbaatti agarsiisaa, "Waa'ee ji'oogiraafii
(Xiin-dachee) waan beektu qabdaa?" Jedhee gaafate. Deebiin
gurbaan yeroo sadaffaaf kenne kanuma duraa fakkaata. "Anoo
hin beeku. Hin barannen siin jedheem" Jedhee debiseef.Of-tuu
lummaadhaan gurbicha cinaachaan ilaalaa, "Siif dhumateera!"
Jedhe Piroofeeserichi, "Carraan jiraachuu kee dhibbantaa 25
hir'ateera." Gurbichi baay'ee gadde. Hin baratiin hafuu isaaf of
komate.
~
Xiqqoo deemanii booda qilleensi bishaanicha raasuutti ka'e.
Suuta suutaan humni qilleensichaa dabalaa dabalaa
deeme.Dhuma irrattis to'annoo gurbichaa ala ta'e.Hamma
isaaf danda'ame hunda yaalee booda dhuma irratti abdii kute.
Dabaree isaa Piroofesericha gaaffii gaafate, "Piroofeeser
bishaan daakuu beektuu?" Piroofeeserri deebii kenne, "Hin
beeku,eessatti bishaan daakee beeka?" Jedhe. Gurbaanis,
"Isininiif dhumeera! Carraan jiraachuu keessanii dhibbantaa
dhibba xumurameera!" Jedhee bidiruu qilleensi caccabse irraa
bu'ee gara lafa gogaatti bishaanicha daakuu itti fufe!
~
Argitee? Piroofeeserri waan guddaa barateera.Qorannoolee
gurguddoo qorateera.Nama beekumsa isaanis akka malee of
tuulu ture.Gurbaan bidiruu oofu garuu barnoota idilee hin qabu.
Namni waa hunda beekuu hin danda'u! Piroofeeserri
hammamuu isa haa tuffatuu,hammamuu jechoota abdii
kutannaa itti dubbatee hamilee gurbichaa haa miidhuu malee
mucaan dandeettii ittiin isa caalu qaba.
~
Maal inni? Ogummaa bishaan daakuu !
# Madda: Kitaaba Eebboo' Abjuu koo hin gurguru' jedhu irraa!
Waggaa tokko lakkoofsisee jira!
Join 🧚💯🎄❤️🔥🎊🌠🔱
https://t.me/jechootahayyootahttps://t.me/jechootahayyoota